Lakkoofsi Ogeessota Yaala Xinsammuufi Daa’immanii Dabalaa Dhufeera-Ministeera Fayyaa

67

Fulbaana 19/2015(TOI)  Itiyoophiyaatti lakkoofsi ogeessota Xinsammuufii daa’immanii dabalaa dhufuusaa ministeerri fayyaa ibse.

Yeroo ammaa dhaabbileen barmootaa olaanoon 17 leenjii ispeeshaaliitii yaalaa kennaa akka jiranis beekameera.

Ministeerichatti daarektarri misooma human namaa Assagid Saamu’eel hanqina human namaa dame yaalaatiin mul’atu hiikuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Dhaabbilee barmootaa olaanoo waliin ta’uudhaan dameelee hanqinni ogeessaa mul’atutti tajaajilli leenjiifi barmootaa kennamaa akka jiru eeraniiru.

Lakkoofsa ogeeyyota leenjiif mana barmootaa galan dabaluurra darbee lakkoofsa yaaltota ispeeshaaliitii dabaluufis hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Akka kanaan Itiyoophiyaatti lakkoofsi ogeessota Xinsammuufi daa’immanii fooyya’aa dhufuu daarektarichi ibsaniiru.

Rakkoo ogeessota  yaala dubbiin taasifamuu/Speech Therapy/ hiikuuf  Yuunivarsiitii Finfinnee waliin ta’uun leenjiin kennamaa akka jiru dubbataniiru.

Sadarkaa Hoospitaala mootummaatti kolleejjii meedikaalaa yekkaatiit 12 keessatti kennamaa akka jiru eeranii, hoospitaalota tersharii kanneen biro keessatti jalqabsiisuuf yaaliin ni taasifama jedhaniiru.

Haata’u malee lakkoofsi ogeessotaa ga’aa waan hin taaneef hojiin dabalataa cimee akka itti fufu dubbataniiru.

Yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessatti dhaabbileen barmootaa olaanoo 17 leenjii ispeeshaaliitii yaalaa kennaa akka jiran daarektarichi ibsaniiru.

Bara 2015 dandeettiifi lakkoofsa ogeessota yaalaa guddisuuf akka hojjetamu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015