Itoophiyaafi Somaaliyaan qindoomina dhimma waloofi qaxanaarratti qaban caalaatti cimsuuf waliigalan. - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaafi Somaaliyaan qindoomina dhimma waloofi qaxanaarratti qaban caalaatti cimsuuf waliigalan.

Fulbaana 18/2015(TOI) - Itoophiyaafi Somaaliyaan qindoomina dhimma waloofi qaxanaarratti qaban caalaatti cimsuuf waliigalan.
Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Shee Mohaammad daawwannaa hojiif Finfinnee kan jiran yoo ta'u, yeroo isaan dhufan Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni Mootummaa biroon simannaa taasisaniifiru.
Hoggantoonni biyyoota lamaanii qindoominafi walitti dhufeenya dhimma waloo fi qaxanaa cimsuu haala dandeesisurratti mariyataniiru.
Marii hoggantoota biyyoota lameenii hordofaa kan tura deetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Tasfaayee Yilmaa Itoophiyaafi Somaaliyaan baroota hedduu kan ture walitti dhufeenya uummataan kan utubame michummaa cimaa qabu jedhaniiru.
Hoggantoonni kunneenis walitti dhufeenya biyyoota lameenii haala caalatti cimsuun danda'amurratti mariyachuu ambaasaaddar Tasfaayeen himaniiru.
Humni nagaa eegsisaa Itoophiyaa Somaaliyaatti argamu aarsaa hedduu baasuun nageenyaafi tasgabbii somaaliyaaf gahee olaanaa bahaa jiraachuu himanii, kanaafis Pireezidaanit Hasan Shee Mohaammad Uummata Itoophiyaafi mootummaa galateeffataniiru.
Pireezidaanitichi walitti dhufeenya biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf kan hojjetan ta'uu himuu isaan ambaasaaddar Tasfaayeen himaniiru.
Marii kanaan hoggantoonni kunneen Itoophiyaafi Somaaliyaa qindoomina dhimma nageenyaarratti qaban qofaa osoo hin taane gama siyaasaafi dinagdeen akkasuma nageenya qaxanaarratti qindoominaan waliin hojjechuuf walii galaniiru jedhaniiru.
Keessaattu nageenyi gaanfa Afrikaa akka mirkanaa'uf waliin hojjechuun barbaachisa ta'uu walii galaniiru jedhaniiru.
Waajjira Ministira Muummeettihoggantuum Pirees sekrataraatii Billanee Suyyuum hoggantoonni kunneen qindoomina gama nageenyaan biyyoonni lamaan qaban gama dinagdeenis cimsanii hojjechuuf haala dandeesisuurratti mariyachuu himaniiru.
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii caalaatti akka cimuuf Itoophiyaan xiyyeeffannoon ni hojjetti jedhaniiru jedhameera.