Sirni awwaalchaa Artisti Maadiingoo Afawarqi boru raawwatama

157

Fulbaana 18/2015(TOI) - Sirni Awwaalchaa Artisit Maadiingoo Afawarqi guyyaa borii Fulbaana 19 bara 2015 raawwatama.

Sirni awwaalcha artistichaa boru sa’aatii 9:00 irratti Finfinnee, Bataskaana Sillaasee Kaateediraalitti bakka maatii, firoonnii, hiriyoonniifi dinqisiifatoonni isaa argamanitti kan raawwatamu ta'uu Koreen Awwaalchaa artistichaaf hundaa'e har'a ibsa mana jireenyaa Artisti Maadiingootti ibsa laateen beeksiseera.

Artisti Maadiingoo Afawarqi dhukkuba tasaa isa mudateen otoo wal’aansarra jiruu kaleessa du’aan boqoteera.

Boqochuu Artistichaatiin walqabatee odeeffannoowwan sobaa odeeffamaa jiraniif osoo gurra hin laatiin kabajaa artistichaaf qabduu haa agarsiisnu jechuun Koreen awwaalchaa kun dhaameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015