Mo’annaan Humnaan Osoo Hin Ta’iin Jaalalaan Ta’uu Fannoon Agarsiiftuudha-Qulqulluu Abuna Abrahaam

Fulbaana 17/2015(TOI)– Fannoon guyyaa mo’annaa humnaan osoo hin ta’iin jaalalaan ta’uusaa itti mirkanaa’e ta’uu miseensi qulqulluu siinoodoosii qulqulluu Abuna Abrahaam ibsan.  

Ayyaanni Damaraa sirna aadaafi amantaa eeggatee hordoftoonni hedduun bakka argamanitti magaalaa Bahaardaaritti kabajameera.

Qulqulluu Abuna Abrahaam ergaa dabarsaniin, uumaan hunda uumeefi bulchaa jiru fannifamee du’uunsaa human dhabee osoo hin ta’iin mo’uun kan danda’amu humnaan osoo hin ta’iin jaalalaan ta’uu agarsiisuufi jedhaniiru.

 Kiristaanonni masqala wayita ayyaaneffatan karaa nagaa, jibba dhabamsiisuun ta’uu hubachuun akka ta’e dubbataniiru.

Itiyoophiyaan hunda akka qabdu kan ibsan Abuna Abrahaam, rakkooleen hundi dhabamanii, godaantummaan hafee hundi biyyasaa keessa akka jiraatu jibbiinsi dhabamuu akka qabu ibsaniiru.

Fannoon qormaata keessa ta’anii mo’achuun akka danda’amu kan itti argine fakkeenya ta’uusaa kan ibsan ammoo kaniibaa durfamaa itti aanaa magaalaa Bahaardaar  doctor Diras Saahiluuti.

Qormaanni dadhaboota abdii kutachiisee yoo gufachiisu, kanneen cimoo ta’aniif ammoo kaayoosaaniif cichanii karaa rakkina ittiin darban ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa rakkina keessa jiraattus seenaan fannoo akka agarsiisutti tooftaa rakkoo keessaa ittiin bahamu maluudhaan biyyi mo’achuunshee kan hin oolle ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015