Dargaggoonni beekaniis tahee osoo hinbeekin gocha Shanee deeggaran akka irraa of qusatan Raayyaan Ittisa Biyyaa, Ajaja Kibbaa beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Dargaggoonni beekaniis tahee osoo hinbeekin gocha Shanee deeggaran akka irraa of qusatan Raayyaan Ittisa Biyyaa, Ajaja Kibbaa beeksise.

Fulbaana 17/2015(TOI) - Dargaggoonni beekaniis tahee osoo hinbeekin gocha Shanee deeggaran akka irraa of qusatan Raayyaan Ittisa Biyyaa, Ajaja Kibbaa beeksise.
Godinni Gujii Lixaa, namoota Shanee waliin hariiroo qabu jedhamuun shakkamanii to'atamanii turan calaluun leenjii hubannoo gabaabaa kennuun gara hawaasaatti makeera.
Godinichi namoota Shanee waliin hidhata qabu jedhamanii to'ataman calaluun hubannoo kenneefi gara jiruu isaanii idileetti akka deebise Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Gujii Lixaa Komaandar Naggaa Tirgii himaniiru.
Komaandar Naggaan, leenjii gabaabaa namoota kanaaf kennameerratti akka jedhanitti, Shaneen ummata Gujii lubbuu balleessaa, gidirsaa turte; kanaaf gaafa gara ummataatti makamtan gocha akkanaarraa of qusachuun nagaa qofaaf dhaabachuu qabdu dhaaman.
Bulchaan Godina Gujii Lixaa obbo Adulaa Hirbaayyee, Shaneen diinagdee Gujii laamshessitee gidiraa ummatarraan gahaa turtee jirti; kanaaf ijoolleen beekaas ta'e otoo hin beekin isaan deeggaran gocha kanarraa deebi'uun karaa nagaatti fulleeffachu qabu jedhan.
Uummata aadaa Oromo ganamaa Sirna Gadaa qabu keessatti gochaan kun raawwatamuun ummata salphisaa akka jiraniis dubbataniiru.
Ajajaan Ajaja Kibbaa Koloneel Girmaa Ayyalaa, namoonni beekaniis utuu hinbeekinis Shanee deeggaran asiin booda akka of qusatan akeekkachiisaniiru.
Namoonni carraa kanaan gara ummataatti makaman qaamolee nageenyaa waliin tahuun nagayaaf tumsuu akka qabanis dhaaman.
Raayyaan Ittisa Biyyaa, Shanee dhabamsiisuuf tarkaanfii cimaa fudhachuu akka jalqabees himaniiru jechuun OBN gabaasera.