Ayyaanni Daamaraa Masqalaa walitti dhufeenya uummataa cimsuu keessatti gaheen inni qabu guddaadha - Obbo Qajeelaa Mardaasaa

222

Fulbaana 16/2015(TOI) - Ayyaanni Daamaraa Masqalaa walitti dhufeenya uummataa cimsuu keessatti gaheen inni qabu guddaadha jedhan Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa.

Ministirichi kana kan dubbatan kabaja ayyaana daamaraa masqalaa Finfinnee addababaayii masqalaatti kabajamaa jiru irratti haasaa taasisaniinidha.

Ayyaanichi akka akkaakeeleefi abaabileen keenyaa nutti dabasaniin ayyaana dukkanarraa gara ifaatti darbuu keenya muli'isudha jedhaniiru.

Ayyaanichi ayyaana gaarrii jibbaa ittiin diigamee sirni araaraa itti raawwatu ayyaana guddaadha jedhaniiru.

Ayyaanni kun Itoophiyaatti guyyaa tokko saatii walfakaataatti ayyaana kabajamu ta'uun isaa ayyaana hundaa ta'uu muli'isa jedhaniiru.

Ayyaanni kun biyya biraatti haala kanaan waan hin kabajamneef gama turistoota hawwachuun gahee guddaas qaba jedhaniiru.

Ayyaanni kun caalaatti akka qoratamuufi fayidaa caaluuf akka oolu taasisuuf Ministeerichi hojii irraa eeggamu hojjechuun gahee isaa ni baha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015