Mariin Qabeenya Guddaa Naannichi Qabu Misoomsuuf Dandeessisu Asoosaatti Jalqabame - ENA Afaan Oromoo
Mariin Qabeenya Guddaa Naannichi Qabu Misoomsuuf Dandeessisu Asoosaatti Jalqabame

Fulbaana 16 / 2015(TOI) ፡- Mariin qabeenya naannoon Beeniishaangul qabu misoomsuuf dandeessisu hooggantoota mootummaa federaalaa waliin magaalaa Asoosaatti adeemsifamuu eegale.
Ministirri hojiif dandeettii Mufariyaat Kaamiil wayita kanatti akka jedhanitti, Naannoon Beeniishaangul Gumuuz dame Albuudaa, qonnaafi tuurizimiitiin qabeenya uddaa qaba.
Kaayyoon marii kanaas ministeerichi nootummaa naannichaa waliin hojii qindoomina qabu uumuuf akka ta’e eeraniiru.
Tibba darbe dhimmoota gama hojii uumuutiin hojjete, keessumaammoo dame hojii uumuutiin kallattiiwwan fuula duraa yaada haaraa bu’ureeffatanilaalchisee yaada ka’umsaa dhiheessaa jiru.
Ministiroonni, pirezidaantiin naannoo Beeniishaangul Gumuuz ob. Ashaadilii Hasaniifi miseensonni kaabinee hirmaachaa akka jiran agabaasaan TOI baka sanatti argamu gabaaseera.