Dinagdee jijjirama qilleensaan hin daddaqne ijaaruu keessatti gahee guddaa kan qabu Konkolaatota humna ibsaan hojjetan babal'isuun xiyyeeffannoon hojjetama jira.

164

Fulbaana 16/2015(TOI) - Itoophiyaatti Dinagdee jijjirama qilleensaan hin daddaqne ijaaruu keessatti gahee guddaa kan qabu geejibaa humna ibsaan hojjetan babal'isuun xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuu Ministirri Geejibaafi Lojistikii aadde Daagimaawit Mogos beeksisaan.

Yuunivarsiitii Bahaar Daaritti Institiiyutiin Tekinolojii marii humna elektirikii fayyadamuun "Tajaajila geejibaa nageenyi isaa eeggame jajjabeesuuf" mata duree jedhuun qopheesse geggeeffamee jira.

Aadde Daagimaawit Mogos marii kanarratti akka himanitti addunyaan sababa jijjirama qilleensaan rakkoo hedduuf saaxilamaa jiraachuu himaniiru.

Dameen geejibaafi Loojistikii hojiin isaa boba'aarratti kan bu'uureffame ta'uun sababa jijjirama qilleensaa fidan keessaa tokko ta'uu eeraniiru.

Biyyi keenyaas waggoota hedduuf damee kanarratti boba'aa irratti hirkattee turuusheerraan kan ka'e rakkoo sharafa biyya alaafi faalama qilleensaaf saaxilamuu himaniiru.

Rakkoo kana furuuf konkolaataa, Baaburaafi kanneen tajaajila geejibaa kennaan biroon humna ibsaa kan fayyadaman taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Haga ammaatti Daandiin Baaburaa magaalaa Finfinneefi Finfinnee - Jibutii humna ibsaa kan fayyadaman ta'uu eeraniiru.

Waggoota kurnan dhufanitti konkolaatoota humna ibsaan hojjetaniifi tajaajila geejibaa hawaasaaf laatan gara fayyadamtoota humna ibsaatti jijjiruuf sirni deeggaruufi jajjabeesuu diriirfamuu himaniiru.

Yuunivarsiitiin Bahaar Daar konkolaatota humna ibsaan hojjetan babbali'isuufi humna namaa damee kanarratti ogummaa qabu oomishuuf sagantaa barnootaa qopheessee hojjechaa jiraachuun kan jajjabeefamuufi deeggarsi barbaachisaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015