Yuunivarsiitiin Salaalee sagantaa barnoota adda addaan barsiisaa ture eebbisiise.

Fulbaana 14/2015(TOI) - Yuunivarsiitiin Salaalee Baratoota sagantaa idileefi idileen alaan barsiisaa ture 289 eebbisiise.

Yuunivarsiitichi kan har'aa dabalee yeroo shanafaaf baratoota kan eebbisiise yoo ta'uu guyyaa har'a magaalaa Fiicheetti kan argamu galma aadaa Oromoo Salaaleettidha baratoota kan eebbisiise.

Sirna eebba baratootaa kanarratti
Hoggaanaa biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Magistuu Baqqalaa, Pirezidaantii Yuunivarsiitii Salaalee doktar Gananoo Goffee dabalatee hoggantoonnii mootummaa biroofi maatii baratootaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015