Waldaan Aksiyoonaa Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibutii Cimuunsaa Sochii daldalaa Biyyoota Lamaanii Si’achiisa-Ministira Maallaqaa - ENA Afaan Oromoo
Waldaan Aksiyoonaa Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibutii Cimuunsaa Sochii daldalaa Biyyoota Lamaanii Si’achiisa-Ministira Maallaqaa

Fulbaana 14/2015(TOI) – Waldaan aksiyoonaa geejjiba Baaburaa istaandardi geej Itiyoo Jibutii sochii daldalaa biyyoota lamaanii akka si’achiisu ministirri maallaqqlaqaa ob. Ahimad Shidee ibsan.
Waltajjiin maree boordii hooggansa hojii waldaa aksiyoonichaa har’a Dirreedawaatti wayita jalqabamu ministirichi dubbii taasisaniin cimuun waldaa aksiyoonichaa sochii daldalaa biyyoota lamaan jidduu jiru kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru.
Hojiin kun cimee akka itti fufu qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Keessumaa ammoo hojiiwwan gama nageenyaafi tasgabbiitiin hojjetamaa jiran cimuu akka qaban beeksisaniiru.
Marii kanaan raawwiin dhaabbatichaa kan qoratamu yoo ta’u, dhiheessiin anniisaa, dhimmoonni nageenyaafi caaseffamaa akka ilaalamanis beekameera.
Itti gaafatamtoonni damee nageenyaafi miseensonni boordii biyyoota lamaanirraa bakka bu’an ijaarsi dandeettii dame Baaburaa sadarkaa inni irra ga’e akka daawwatan beekameera.
Riijiniin daldala bilisaa magaalaa Dirreedawaatti argamuufi buufannis akka daawwatamu ibsameera.