Pirojektii buufata Laamuu keessaa tokko kan ta’e bakki tursa doonotaa Waxabajjii dhufu hojiitti gala

59

Ebla 16/2011 Pirojektii buufata Laamuu keessaa tokko kan ta’e bakki tursa tarminaalii doonotaa Waxabajjii dhufu hojiitti akka galu Keeniyaatti embaasiin Itiyoophiyaa ibse.

Filannoo buufata Itiyoophiyaa bal’isuu fi Keeniyaa waliin walitti hidhiinsa dinagdee qabdu cimsuuf hojiiwwan hojjetaman keessaa tokko kan ta’e qaama pirojektii buufata Laamuu kan ta’an sadii ijaarsi tursi Doonotaa gadi aanaan harka dhibba keessaa 62 yoo ta’u, olaanaan 99 xumurameera.

Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Mallas Alam Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, pirojektiin buufata Laamuu Itiyoophiyaa, Keeniyaa fi Sudaan Kibbaa caalaatti walitti hidha.

Ijaarsi isaa harka dhibba keessaa 99 kan ga’e tarminaalli tursa doonii inni tokko Waxabajjii dhufu eebbifamee pirojektiin Laamuu kan fudhatu ta’uusaa agarsiisuun akka danda’amu dubbataniiru.

Pirojektiin buufata Laamuu Itoophiyaa fi Keeniyaa gidduu walitti hidhinsa dinagdee jiru cimsuuf kan dandeessisu ta’uusaa kan dubbatan Ambaasaaddar Mallas, hawaasaa daldalaa biyyoota lamaanii walitti dhiyeessuun hojjechuu kan dandeessisu akka ta’e eeraniiru.

Pirojektiin kun buufata waliin kan walqabatu qofa akka hin taane ibsanii, hojiin

baaburaa fi daandii jiraachuu isaanii dubbataniiru.

Pirojektichi biyyoota kana gidduutti walitti dhufeenya lafoos kan uumu ta’uu eeraniiru.

Itoophiyaa fi Keeniyaan viizaa akka hin fayyadamneef walii galtee erga mallatteessanii waggoota 50 ol akka dabarsan kan yaadatan Mallas, keessumaa daldaltoonni akka barbaadanitti socho’uu kan isaan dandeessisu bu’uraalee misoomaa yoo argatan walitti dhufeenya daldalaa si’ataa diriirsuuf dandeessisa jedha.

``Ijaarsa kanaan walqabatee Itoophiyaa buufata gogaa bakki tajaajila kennu adda ba’eera`` kan jedhan ambaasaaddar Mallas, Itiyoophiyaa Moyyaalee fi Keeniyaa Moyyaalee walitti hidhuun naannicha bakka gabaa guddaa gochuuf hojii dandeessisu jalqabaniiru.

Gama Mootummoota lamaaniin kutannoon waan jiruuf Laamuu jalqabee haanga Moyyaaleetti haala walfakkaatuun karaa Itiyoophiyaa Finfinnee hanga Moyyaaleetti magaalonni jiran carraa itti fayyadamaa ta’an jiraachuusaa ibsaniiru.

Misooma bu’uraalee baaburaa fi daandii babal’isuun naannawaa Kaaba Baha Keeniyaa fi Kibba Itiyoophiyaa ummata jiru jireenya isaa akka jijjiirus dubbataniiru.

 Pirojektichi waggootii dheeraaf haala tasgabbaa’aan kan itti fufe dippiloomaasii siyaasaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa gara walitti dhufeenya dingdeetti ceesisuuf dandeessisa jedhamee abdiin irra kaa’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015