Itoophoyaan irratti hirmaachaa kan jirtu mariin biyyoota guddataa jiraniifi Karra Galaanaa hin qabne Niiwuyoorkitti ta'amaa jira.

68

Fulbaana 13/2015(TOI) -Yaa’ii Waliigalaa Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii 77ffaa Niwuyoorkitti taa’aamaa jiruun cinatti, Itoophoyaan irratti hirmaachaa kan jirtu mariin biyyoota guddataa jiraniifi Karra Galaanaa hin qabne Niiwuyoorkitti ta'amaa jira.

Marii kun rakkoolee biyyoota kanneen muudatan waltumsuufi waldeeggaruun haala furuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Irra jireessaan waltumsuu jajjabeessuufi misooma waaraa kan waloo milkeessuuf gufuuwwan daldalaafi geejjibaa hir’isuuf waadaa galaniiru.

Miseensa garee kanaa kan taate Itoophiyaanis hirmaannaa ho’aa taasisaa jirti.

Waltajjii marii kanarratti ejannoo Itoophiyaa kan dhiheessan Ministeera Dhimma alaatti, Jeneeraala Daareektooreeti Dhimmoota Dhaabbilee Idil-Addunyaa obbo Ayyalaa Liiree, biyyoon karra galaanaa hinqabne dhiibbaa Koviidi-_19, jijjirama haala qilleensaa, nyaata, inarjiifi faayinaansiin qoramaa jiruu jedhaniiru.

Rakkoo biyyoota kanneen muudate hiikuuf Hojiirra Olmaa Sagantaa Dohaatti kanaan dura taa’e guutuummaa guutuutti hojiitti galchuun akka barbaachiisuu obbo Ayyalaan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015