Humni Eegumsaa Riippaabiliikaa Humnoota Guddina Itiyoophiyaaf Gufuu Ta’an Qolachuuf Qophii ta'uu beeksise.

10

Fulbaana 13/2015 (TOI) Humni eegumsaa Riippaabiliikii qophii humnoota birmadummaafi daandii misoomaa Itiyoophiyaa irratti gufuu ta’a qolachuuf dandeessisurra akka jiru itti gaafatamaan waajjira ajajaan human eegumsaa Riippaabiliikaa kloneel Alamaayyoo Mul’ataa dubbatan.

Humni eegumsaa Riippaabiliikaa birmadummaa biyyaa eegsisuu haala dandeessisuun bara 2010 hundeeffamuusaa koloneel Alamayyoon TOItti himaniiru.

Shrorkeessaan ABUT miseensota ajajaa Kaabaarratti gochaa gantummaa erga raawwatee booda humni eegumsaa Riippaabiliikaa birmadummaa biyyaa gama eegsisuutiin ga’ee isaa ba’eera jedhan.

Humni kun humnoota nageenyaa kanneen biroo waliin ta’uun yaaddoon shororkeessaa ABUT uume akka fashalaa’u taasiseera.

Itiyoophiyaan daandii misoomaafi badhaadhinaarratti argamti kan jedhan koloneel Alamaayyoon, adeemsi kun galma akka ga’u ummanni nagaan ba’ee nagaan galuu qaba jedhaniiru.

Nageenya gama kabachiisuutiin humni eegumsa Riippabiliikaa itti gaafatama kennameef ba’aa akka jiru ibsaniiru.

Humni kun humnoota birmadummaafi guddina Itiyoophiyaa morman qolachuuf ga’umsa akka qabu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015