Aadde Adaanach dargaggoota waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Aadde Adaanach dargaggoota waliin mari’atan
71
Fulbaana 13/2015(TOI) - Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen haala yeroo biyyaalessaa, kabaja ayyaana Damaraa Masqalaafi Irreechaarratti dargaggoota magaalichaa waliin mari’atan.
Ayyaanonni Masqalaafi Irreechaa duudhaalee amantiifi aadaasaanii eeganii akka kabajamaniif dargaggoonni gahee olaanaa bahachuu akka qaban Aadde Adaanach ibsaniiru.
Dargaggoonni qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun ayyaanota kanneen akkaataa duudhaalee amantiifi aadaa eeggateen dhiibbaa idil addunyaa dandamachuun kabajuu akka dandeenyu mul’isuu qabu jedhan.
Shira diinaa beekuufi gocha badii garee shororkeessaa ABUTfi Shanee hubachuun saaxiluun gaheesaanii bahachuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru jechuun DhPI gabaaseera.