Hooggantoonni Mootummaa Olaanoo Federaalaafi Naannoo Kibbaa Misooma Gannaa Daawwatan

95

Fulbaana 13/2015 (TOI) Hoogantoonni mootummaa olaanoo federaalaafi naannoo kibbaa oomisha gannaa godina Guraagee aanaa Sooddoo daawwachaa jiru.

Hooggantoonni kunneen kan daawwachaa jiran aanaa Sooddoo ganda Solloqqee lafa heektaara 500 qamadii qonnaan bulaan  oyiruu walitti aanutti oomishaa jirudha.

Itti aanaa bulchaan aanichaafi itti gaafatamaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa ob. Birhaanuu Battee aanaa Sooddootti lafti heektaarri kuma 35 ol midhaan gosa addaddaatiin misoomaa akka jiru dubbataniiru.

Midhaan akka xaafii, qamadii, boqqoolloofi kanneen biroo oomishamaa akka jiran eeranii, dhibbantaa 75 kan ta’u, waliin kan misoomaa jiru ta’uu dubbataniiru.

Oomisha gannaaraa midhaan kuntaalli miiliyoona 1 tuqaa 4 akka eegamu ibsaniiru.

Ministirri jallisiifi naannawoota gammoojjii injiinar Ayishaa Mahaammad, ministirri dubartootaafi dhimma hawaasummaa doktor Ergoogee Tasfaayee, ministirri magaalaafi bu’uura misoomaa adde Caaltuu Saanii akkasumas itti hooggaatoonni olaanoo mootummaa daawwannaa kana irratti hiraachaa jiru.

Bakka bu’oonni ministeera qonnaa, itti aanaa itti gaafatamaa biiroo qonnaa naannoo kibbaa ob. Admaasuu Awwaqaa, bulchaan godina Guraagee ob. Mahaammad Jamaaliifi hooggantoonni  biroo daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015