Itiyoo Telekoom Laayibirarii Dijitaalaa Birrii Miiliyoona 3 tuqaa 5n Hojjechiise Baneera

93

Fulbaana 13.2015/TOI/- Itiyoo Telekoom riijiniin kibbaa Laayibrarii dijitaalaa sirna barnootaa haaraa deeggaru magaalaalee gurguddoo 4 keessatti baasii birrii miiliyoona 3 tuqaa 5n hojjetame bane hojii jalqabsiiseera.

Laayibrarii dijiitaalii kana kantiibaan magaalaa Nagallee kaleessa eebbisanii bananiiru.

Maanaajariin al kallattii itiyoo telekoomii riijiniikibbaa Beti’izaazuu Abarraa itti gaafatama hawaasummaa dhaabbatichaa keessaa barumsi isa tokko ta’uu insaniiru.

Laayibrariin dijitaalaa kun magaalaawwan Nagallee, Diillaa, Hawaasaafi Shaashamanneetti akka ta’e himaniiru.

Laayibrariiwwan haaraa banamaniif tajaajilli biroodbaandii si’ataa meegaa biitsii 11 tolaan gadi lakkifamuusaa beeksisaiiru.

Soofti weeriifi appilikeeshinoonni addaddaa, teessoofi minjaala 84, piriintaroota ammayyaa 4 fi kompiitaroota 84 dhaabbata kanaan guutameera.

Laayibraroonni kunneen guyyaatti barattoota kuma 8 fi 500 ol kan tajaajilan yoo ta’u, ogeeyyonni dhaabbatichaa suphaafi hordoffii akka taasisaniif himaniiru.

Kana malees dhaabbatichi Kibbaafi Oromiyaa kibbaatti magaalaalee 10 caalaniif bilbila ‘4G’ qaqqabsiisaa jira jedhaniiru.

Riijinii kibbaatti barattoota maatii harka qalleeyyii kuma 2 fi 690f dabtara kuma 32 fi 280 akka deeggare ibsaniiru.

Deeggarsi kun birrii miiliyoona 1 tuqaa 8 olitti akka tilmaamamu beekameera.

Laayibrarii kana eeisanii kan banan kantiibaa magaalaa Nagallee ob. Hayilee Horoo, deeggarsa taasifameef dhaabbaticha galateeffataniiru.

Dhiheessiin teekinooloojii kun hojeeffamuu sirna barmootaa haaraaf deeggarsa guddaa ta’uu eeraniiru.

Bakka bu’aan itti gaafatamaan biiroo barmootaa godinichaa ob.Giruum Zannabee deeggarsi kun haaraa akka hintaane eeranii, qaqqabaa teekinooloojii ta’uunsaa adda isa taasisa jedhaniiru.

Qaqqabiinsi laayibrarii diijitaalaa beekumsaa fi ogummaa barattootaa guddisuurra darbee hojii baruufi barsiisuu kan ammayyeessu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015