Ayyaanni Damaraan masqalaa karaa nagaan akka kabajamuuf hawaasni daldala gahee isaa bahuu qaba jedhame

73

Fulbaana 13/2015(TOI) - Ayyaanni Damaraan masqalaa karaa nagaan akka kabajamuuf hawaasni daldala gahee isaa akka bahuu qabu itti aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxirar Abaay gaafatan.

Bulchiinsi magaalicha haala kabaja ayyaana Masqalaa ilaalchisuun hawaasa daldala magaalichaa waliin mariyateera.

Marii kanarratti kan argama itti aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abaay ayyaanni masqalaa akka duudhaa amantaatti karaa nagaa akka kabajamuuf bulchiinsi magaalichaa qophii gahaa taasiseera.

Hawaasni daldaalaas kana deeggaruun ayyaanich karaa nagaa akka kabajamu gaheesaa bahuu qaba jedhaniiru.

Qaala'insa jireenyaa uumuun hawaasa jeequuf kanneen yaalan ittisuu keessatti hawaasni daldalaa gahee isaa akka bahu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015