Gareen shororkeessaa ABUT bara aangoorra tureetti naannoo Gambeellaatti dhiittaa mirga namoomaa hedduufi daba siyaasaafi dinagdee hedduu raawwateera

63

Fulbaana 13/2014(TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT bara aangoorra tureetti naannoo Gambeellaatti dhiittaa mirga namoomaa hedduufi gama siyaasaafi dinagdeen rakkoo hedduu akka geesisaa ture qabsaa'oonnifi hoggantoonni duraanii Sosochii Adda Bilisa Baasaa Uummatoota Gambeellaa himan.

Qabsaa'onniifi hoggantoonni kunneen turtii TOI waliin taasisaaniin akka himanitti, gareen shororkeessaa kun jijjiraaman boodas garee ergamtuu isaa taatee Shaneefi Adda bilisa baasaa Gambeellaa fayyadamuun nageenya naannicha booressuuf yaali adda addaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Qabaasa'oota Sosochii Adda Bilisa Baasaa Uummatoota Gambeellaa duraanii keessaa obbo Uburii Uchaarii akka himanitti sirna abbaa irree Dargii kufisuun saboonni, sablamoonnifi uummatoonni Itoophiyaa waliqixummaan akka jirataaniif dhalatoota qabsoo gochaa turan keessaa tokko ta'uu himaniiru.

Ta'uus garuu sirni Dargii erga kufeen booda gareen shororkeessaa ABUT kallatti siyaasaa qoqqoddiif mijatu qopheesseen kaayyoon qabsaa'aniif galma osoo hin gahiin hafuu himaniiru.

Mirga walqixummaa heera mootummaa keessatti tumamee jiru gaafachuu isaaniinis isaaniifi jaallan isaanii mana hidhaa Maakalaawwiitti bakka dukkanaa keessatti hidhamuun dhiittaan mirga namoomaa hedduun irra gahuu himaniiru.

Naannichi ofiin of bulcha jechuuf dhalatoota naannichaaf aangoo adda addaa kan laatan ta'us, kaadiree ABUT gorsitoota jedhamanii naannichatti ramadamaniin hogganamaa ture jedhaniiru.

Sirna dargii kufisuuf icitiin walqixummaa saba kabachiisuu jedhuu osoo hin galiifiin ABUT cinaa dhaabachuun qabsoo waraanaa geggeessa turu kan himan immoo qabsaa'aa duraanii Sosochii Adda Bilisa Baasaa Uummatoota Gambeellaafigorsaa dhimma hawaasummaa pireezidaantii naannoo Gambeellaa amma obbo Pitar Amaanidha.

Qabsoon sun erga qumurameen booda garuu saboonniifi sablamoonni ofiin of bulchu kan jedhu waraqaa irratti malee qabatamaan lafarratti ta'uu hin dandeenye jedhaniiru.

Gareen shororkeessaa kun tokkummaa caalaa garaagarummaa lelleesuun uummatoota naannichaa jidduutti wal shakkii uumuun akka adda ba'an taasisuun dhiibbaan waan irratti hamaatee tureef biyya ambaatti godaanuun waggaa 11 achi turu himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT bara aangoorra tureetti naannoo Gambeellaatti dhiittaa mirga namoomaa hedduufi gama siyaasaafi dinagdeen rakkoo hedduu akka geesisaa ture qabsaa'oonnifi hoggantoonni duraanii Sosochii Adda Bilisa Baasaa Uummatoota Gambeellaa kunneen himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015