Roobni Bona Baranaa Idilee Gadidha Jedhame

201

Fulbaana 12/2015/TOI/ - Roobni bona baranaa idileedhaa gadi akka ta’u inistiitiyuutiin meetirooloojii biyyaalessaa beeksise.

Inistiitiyuutichi waltajjii raaga haala qilleensaa ganna darbeefi raga qilleensaa bona dhufuu mari’atu Adaamaatti adeemsisaa jira.

Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa ob. Faxxanaa Tashoomaa akka ibsanitti, Inistiitiyuutichi dhiibbaalee haala qilleensaa hawaasummaafi dinagdee irratti geessisan hordofuudhaan odeeffannoo hawaasaan ga’a.

Raagni haala qilleensaa yeroon, qulqullinaafi iddoodhaan qopheessuun walitti dhufeenya haala qilleensaa waliin qaban, balaa qaqqabuu danda’anirratti qophiin akka taasifamu tajaajila raagaa qilleensaafi ofeeggannoo dursaa kennaa akka jiru dubbataniiru.

Gama qonnaafi lolaa ittisuutiin haalli raga qilleensaa ganna darbee  hojiin fooyya’aan akka hojjetamu raga ofeeggannoo dursaatiin hubachiisuun danda’amuu eeraniiru.

Haala raga kanaatiin Oromiyaa kibbaa, Sidaamaa, naannoon kibbaafi kibba lixaa Itiyoophiyaa jiddu galaan rooba miilii liitirii 200 hin caalle akka argatan raagameera.

Kanaaf rooba idileen gadii kana dandamachuuf tarsiimoo baasuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru.

Galaanni akka malee qabbanaa’uufi kutaan lixa galaana Hindi hoo’uusaatiin Itiyoophiyaa dabalatee riijinii Afriikaa bahaatti tamsaasni roobaa idilee gadi ta’a jedhaniiru.

Gorsaan ministira Bishaaniifi Inarjii ob. Mootummaa Maqaasaa, inistiitiyuutichi raga haala qilleensaa balaa qaqqabuu danda’an dandamachuu dandeessisan yeroodhaan qaqqabsiisuu akka qabu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan raga haala qilleensaafi ofeeggannoo dursaa hojiirra oolchuu qabna kan jedhan ob. Mootummaan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015