Godinichatti Namoonni Hojii Gaalii Xixiqqaa Argamsiisan Irratti Bobba'aan Birrii Miiliyoona 14 Qusatan - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti Namoonni Hojii Gaalii Xixiqqaa Argamsiisan Irratti Bobba'aan Birrii Miiliyoona 14 Qusatan
Fiichee Ebla 16/2011 Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaatti namoonni waldaan gurmaa'uun hojii galii xixiqqaa argamsiisan irratti bobba'anii argaman birrii miiliyoona 14 ol qusachuu isaanii waajjirri Industirii fi IMX godinichaa beeksisee jira.
Birrii kana kan qusatan namoota waldaa 313n gurmaa'an yoo ta'u, hojii guyyaa, qonnaa, horsiisa looni, qulqullinaa, eegumsaa, hojii harkaafi hojiilee adda addaa kan biroo irratti warra gurmaa'anidha.
Hogganaan waajjirichaa obbo Tasfaayee Hayila Maariyam tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti birrii kana qusachuu kan danda'an ji'oota 6 keessatti dha.
Namoonni hojii kana irratti boba'anii argaman kunneen waldaa liqii fi qusannaa 5 irraa liqii birrii kuma 25 argachuu isaanii hogganaan kun himaniiru.
"Fayyadamtoota kanneeniif akkaataa birrii itti qabatan, haala qusannaa, haala itti fayyadama yeroo fi tooftaa jireenyaa irratti leenjiin kennamee jira " jedhaniiru.
Akka ibsa hogganaa kanaatti godinichatti waggoota darban sadan keessatti namoota kuma 77 ta'aniif liqiin birriin milliyoonii 91 ta'uu karra Fandii marmartuun kennameera.
Godinichatti jiraattuun aanaa Yaayyaa Gullallee magaalaa Fittaal adde Wasanee Gabru yadda kennaniin kana dura hojii hojjachuu barbaadan illee birrii waan hin qabneef jireenyi itti ulfaatee turuu himanii jiru.
Yeroo ammaa garuu liqii argatanitti fayyadamuun daldala midhaanii irratti hirmaachaa jiraachuu isaanii eeranii jiru.
Bu'aa daldalaa kana irraa argataniinis ji'a tokko keessatti birrii kuma 1 qusaachaa jiraachuu isaanii dubbatanii jiru.
"Liqiin fudhadhe kuma 40 irraa walakkaa isaa deebisuun qusannaa birrii kuma 11 fi 500 walitti qabachuu danda'een jira " jedhaniiru.
Jiraataan magaalaa Fichee obbo Guutuu Abarraa gama isaaniitiin qarshii kuma 20 liqeeffataniin Gaarii fardaa bituun yeroo ammaa kana guyyaatti birrii 25 qusachaa jiraachuu isaanii himanii jiru