Pirojektiin Bishaan Lafa Keessaa Itiyoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaan Hojjetamu Ifa Taasifame

Fulbaana 12/2015(TOI) - Pirojektiin bishaan lafa keessaa Itiyoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaadhaan hojjetamu ifa taasifame.

Pirojektiin misooma bishaan lafa keessaa Afriikaa bahaa kun deeggarsa baankii addunyaatiin kan hojjetamudha.

Ministirri bishaaniifi inarjii doktor injiinar Habtaamuu Ittafaa, ministirri jallisiifi naannawa gammoojjii Injiinar Ayishaa Mahaammad, daarektarri riijinii afriikaa bahaafi jiddugaleessaa baankii addunyaa Soomaa Gohoosh Mowuliik sagantaa Finfinneetti ifa taasifame irratti argamaniiru.

Ministirri bishaaniifi inarjii doktor injiinar Habtaamuu Ittafaa, bishaan lafa keeessaa Afriikaa bahaa misoomsuudhaan itti fayyadama bishaanii guddisuudhaan  misooma riijinichaaf oolchuuf  akka gargaaru himameera.

Pirojektichi aanaalee gammoojjii jijjiirama qilleensaatiin miidhamaniif barbaachisaa waan ta’uusaafi Itiyoophiyaanonni miiliyoona 8 ol ta’an bishaan lafa keessaa akka fayyadaman dubbataniiru.

ministirri jallisiifi naannawa gammoojjii Injiinar Ayishaa Mahaammad, Itiyoophiyaatti bishaan lafa keessaa dhiheessii  bishaanii dhibbantaa 60 kan guutu ta’uyyuu, sirnaan itti hin fayyadamne jedhaniiru.

Pirojektichi bishaan lafa keessaa gaggeessuufi eeguuf akka gargaaru dubbataniiru.

Bardheengaddaa Itiyoophiyaatti beeyladni miiliyoona 1 tuqaa 5 caamsaan du’uusaanii eeranii, pirojektiin aanaalee 55 keessatti hojeeffamu kun lammiilee shanqina bishaaniitiin baqatan baraaruuf akka dandeessisu dubbataniiru.

Pirojektii kana raawwachiisuuf  doolaarri miiliyoona 210 akka ramadames beekameera.

Daarektarri riijinii Afriikaa bahaafi jiddugaleessaa Soomaa Gohoosh, pirojektiin kun Itiyoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaatti hojiirra akka oolu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan raawwii jalqabaa pirojektichaatiif deeggarsa doolaara miiliyoona 210 akka argatte ibsaniiru.

Yeroo itti aanutti Jibutiifi Sudaan Kibbaa Pirojektii kana akka fayyadaman dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015