Itti aanaa Pireezidaantii Sudaan Kibbaa Taaboon Deengi Gay Ministira maallaqaa obbo Ahimad Shidee waliin haala itti fayyadama bu'uuraalee misooma walooratti mariyatan

Fulbaana 12/2015(TO) - Itti aanaa Pireezidaantii Sudaan Kibbaa Taaboon Deengi Gay Ministira maallaqaa obbo Ahimad Shidee waliin haala itti fayyadama bu'uuraalee misooma walooratti mariyatan

Jilli itti aanaa pireezidaantii Sudaan Kibbaan durfaman minsteeroota Maallaqaa, Geejibaa, Odeeffannoofi Daandii walii galaan miseensoota 30 kan hammate daawwannaa hojiif kaleessa Finfinnee galuun ni yaadatama

Jilli kun har'a haala dhiheessii fi itti fayyadamummaa bu'uuraalee misoomaa waloo Sudaan Kibbaa fi Itoophiyaa irratti Ministira maallaqaa obbo Ahimad Shidee waliin mari'ataniiru

Itti aanaan Pireezidaantii Sudaan Kibbaas haala misooma daandiifi humna ibsaa Sudaan Kibbaa ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015