Godinichatti Qonna Gannaaraa Midhaan Kuntaala Miiliyoona 4 tuqaa 5 Oomishuuf Hojjetamaa Jira

99

Fulbaana 12/2015/TOI/--- Godina Gujiitti Qonna gannaatiin Midhaan kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 5 oomishuuf hojjetamaa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Waajjira qonnaa godinichaatti dursaan garee misooma midhaanii ob. Liiban Boruu godinichatti xumura baatii Adoolessaa irraa amma baatii Fulbaanaatti wayitii oomisha gannaa ta’uu dubbataniiru.

Bara oomishaa 2013/14 godinichatti sababa hanqina roobaatiin oomiishni dhibbantaa 80 hir’achuu eeranii, aanaalee tokko tokkotti ammoo gonkumaa  roobni akka hin turre yaadataniiru.

Oomisha hir’ate kana bakka buusuuf aanaalee godinichaa 9 keessatti lafa heektaara kuma 188 fi 757 misoomsuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Amma ammaattis lafa heektaara kuma 96 fi 324 irra xaafii, boqqoolloo, garbuu, qamadiifi boloqqeen faca’uu himaniiru.

Midhaan facaasuun kan itti fufe yoo ta’u, galteen qonnaa xaa’oon kuntaala kuma 100 fi sanyiin filatamaa kuntaala kuma 17 geejjibamaa akka jiru ibsaniiru.

Amma ammaattis xaa’oon kuntaalli kuma 65 fi 250, sanyiin filatamaa kuntaalli kuma 59 fi 671 raabsamuu beeksisaniiru.

Oomisha baranaarra midhaan kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 5 sassaabuuf karoorfamuus ibsaniiru.

Qonnaan bultoota yaada kennan keessaa ob. Yooseef Waaccuu bardheengaddaa boqqoolloofi Boloqqeen lafa heektaara 2 irra facaasan hanqina roobaatiin baduusaa dubbatan.

Kana bakka buusuuf barana lafa heektaara 3 irra deebi’uun qotanii qopheessuusaanii dubbataniiru.

Gatiinsaa dabalus galtee qonnaaf isaan gargaaru xaaoofi sanyii filatamaa bitachuusaaniis eeraniiru.

Lafa heektaara 3 irraa oomisha kuntaala 55 argachuuf karoorfachuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaa Taakkalaa Halakee bokkaan erga roobee waggaa 2  akka darbe dubbatu.

Bara kana kan bara darbee bakka buusuuf hojjechaa akka jiraniifi lafa heektaara tokkorraa kuntaala 20 oomishuuf karoorsuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015