Gabaasni ogeeyyiin koomishinii mirgoota namoomaa DhMG baasan fedhii siyaasaa raawwachiisuuf kan ooleedha.

60

Fulbaana 11/2015 (TOI) – Gabaasni Ogeeyyiin Koomishinii Mirgoota Namoomaa dhimma Itoophiyaarratti baasan, fedhii siyaasaa raawwachiisuuf kan oolee fi haqa jiru kan haaledha jechuun Qorataan Seenaa Jeef Piirsi ibsan.

Jeef Piirsi gabaasa bu’aa qorannoo Koomishinii Mirga Namoomaa irratti yaadaa isaa kan kenneera.

Akka Jeef Miidiyaa hawaasumma isaarratti akka ibsetti, gabaasni gochaa kutaa Kaabaa biyyattiitti mudateera jechuun koomishinichi dhiyeesse garee shororkeessaa ABUT’f kan looge yoo ta’u, maddeen odeeffannoo koomishinichi eereelle kan isa naasise akka ta’e ibseera.

Maddeen ragaafi adeemsa qorannoo keessatti odeefannoo kennuuf hirmaatan kan koomishinichii afeere, qabatamaan arguu isaanii gabaasicha keessatti kan hin eeramne ta’uu qorataan seena Lammii Kanaadaa Jeef Piirsi himeera.

Qorannichis ulaagaa qorannoo akka hinguunne ibseera.

Sarbama mirga namoomaa Naannoo Tigiraay fi naannoo Amaaratti raawwateera jechuun koomishinichi baasee daandii barbaade qofaan dhiyeessuu maddeen qorannichaa eeruun ibseera.

Akkasumaas Naannoo Afaaritti duguggaa, manneen jireenyaa, masjiidotaa fi kanneen biroorratti haleellaa meeshaalee waraanaa gurguddaa raawwate hunda hammachiisuu akka hinbarbaannee fi dararaa buqqaaatota naannicha keessaa akka hin abuurree fi qorannichaan akka hin sakatta’amne barreeffamaa isaan Jeef Piirsi kan ibsu.

Barreessichi qorannoo Koomishinii Mirga Namoomaa Idil Addunyaa gaggeesse namoomaaf quuqame akka hintaanee fi ajandaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhiyeessuun fedhii isaa gama Mana Maree Nageenyaan raawwachiisuuf ta’uu ibsa.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa chaartara isaa keessatti kaayyoo hundeeffameefiin alatti dhimmoota siyaasaa fi namuusaan alaa keessa kan hinseenne ta’uu kan raggaasisu ta’us, Daayrektara isaa Tewoodiroos Adihaanom garuu guyyatti si’a saddet ol odeeffannoowwan qabiyyee siyaasaa garee shororkeessaa akka qoodan Jeef barreeffamaa isaan ibseera.

Miidiyaaleen biyyootaa Dhihaa gabaasa garee shororkeessaa ABUT daa’imman hidhachiiseera jedhullee gabaasa koomishinichaa keessatti akka hineeramne Jeef Piirsi kan himu.

Weerarri garechi raawwate dambalii ummataa akka fayyadame koomishinichi gabaasichaan waan eeree akka hinqabne, deeggarsi namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanis %70 ta’us Tigiraayiin qaqqabu yaadachiiseera.

Haa ta’u malee, gareen shororkeessa ABUT dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi boba’aa bootteewwan 12 saamuu gabaasaa isaa keessatti irra dibee darbuun akka raajeffachiiseen ibseera.

Itoophiyaan yaa’ii waliigalaa niwuyoorkirraa murtee haqa qabeessa akka hineegne, caalaatti ammo gamtaa dhimmoota diinagdee fi nageenyaa ardichaarratti hojjetu ijaaruuf yeroo kamiyyuu caalaa biyyoota Afriikaa qindeessuu akka qabdu barreeffamaa isaaniin yaadaa isaani ibsaniiru jechuun FBC gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015