Ijaarsi Babal’isa Mana Barumsaa Hawaasaa Yunivarsiitii Diillaa Xumuramee Tajaajilaaf Oole - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi Babal’isa Mana Barumsaa Hawaasaa Yunivarsiitii Diillaa Xumuramee Tajaajilaaf Oole

Fulbaana 11/2014 (TOI) - Ijaarsi babal’isa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa yunivarsiitii Diillaa birriin miiliyoona 18 itti ba’e xumuramee tajaajilaaf oole.
Manni barumsaa kun hojii jalqabuunsaa qaqqabiinsa mana barumsaa guddisuurra darbee qulqullina eegsisuuf akka gargaaru beekameera.
Itti aanaa hoji gaggeessaan waajjira pirojektii ijaarsaa Yunivarsiitii Diillaa ob. Birhaanuu Alamuu ijaarsi mana barumsaa kun waggaa waggaa tokkotti xumuramuusaa eeraniiru.
Kun ta’uunsaa hanqina kutaalee mana barumsaa hawaasaa yunivarsiiticha keessatti mul’atan guutummaatti kan furuufi qaqqabiinsa barnootaa magaalicha keessatti akka bal’isu ibsaniiru.
Manni barumsaa kun kutaalee barmootaa 20 dabalatee mana kitaabaa, mana qulqullinaa, biiroo bulchiinsaa, bakka aara galfannaa barsiisotaafi kanneen biroo kan qabu ta’uun ibsameera.
Manni Barumsaa sadarkaa tokkoffaa birriin miiliyoona 18 itti ba’e kun barattoota kuma tokkoo ol simachuu akka danda’u ibsameera.
Yunivarsiitichi tajaajila hawaasaatiin fayyadamummaa hojjettootasaafi hawaasa naannawaa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetu keessaa barmoota ta’uu eeruudhaan, kunis cimee akka itti fufu dubbataniiru.
Yunivarsiitiin Diillaa mana barumsaa hawaasaa hundeessuudhaan oolmaa daa’immaniirraa kaasee amma kutaa 12tti barattoota kuma 1 fi 400 barsiisaa akka jiru kan dubbatan ammoo hojii gaggeessituu mana barumsichaa barsiiftuu Immabeet Takleedha.
Gamoon Haaraa kun hojiitti galuusaatiin dandeettii simannaa dabaluurra darbee qulqullina barumsaa eegsisuun akkasumas barattootaaf akka mijaa’u shoora guddaa akka qabaatu eeraniiru.
Maatii barattootaa keessaa adde Zawudituu Birhaanuu, manni barumsaa kun barumsa qulqulluu kennaa akka jiru dubbataniiru.