Hidha Haaromsaa Ilaalchisuun Gaazexessoonni Afriikaa Oduu Sobaa Tamsaasan Ummata Afriikaarratti akka duulantti lakkoofna- Gaazexessaa Ugaandaa - ENA Afaan Oromoo
Hidha Haaromsaa Ilaalchisuun Gaazexessoonni Afriikaa Oduu Sobaa Tamsaasan Ummata Afriikaarratti akka duulantti lakkoofna- Gaazexessaa Ugaandaa

Fulbaana 11/2015 (TOI) Hidha haaromsaa guddicha ilaalchisee gaazexessoonni Afriikaa odeeffannoo dogoggoraafi sobaa tamsaasan ummata Afriikaarratti akka duulan beekuu qabu jedhe gaazexessaan biyya Ugaandaa Kunguu Almaahidii Adaam dubbatan.
Maaneejiingi Ediitariin ‘Niwus pilaas Ugaandaa’ Kungu Almaahidii Aadam , dhimmoota Itiyoophiyaa balballoomsuurratti ni beekama.
Dhimmoonni inni irratti barreessu keessaa dhimmi hidha haaromsaa tokko yoo ta’u, gaazexessaan kun jidduu darbe yeroo jalqabaaf hidha haaromsaa daawwateera.
Pirojektiin kun Itiyoophiyaarra darbee Afriikaaf abdii guddaadha kan jedhe gaazexessaan kun, dawwannaasaatti gammaduusaa dubbateera.
Hidha haaromsaa ilaalchisuun kan barreessaa ture daawwannaa kanaan mirkaneessuusaa ibseera.
Hidhoonni human maddisiisan human maddisiisuunalatti bishaan akka hinyaane waan hin taasifneef biyyoonni yaa’a abbaayi gara gadii dhugaa kana hubachuu qabu jedhaniiru.
Fuuldurattis dhugaa Itiyoophiyaan qabdu miidiyaadhaan argisiisuu kan itti fufu ta’uusaafi daawwannaan isaa kun galtee dabalataa akka ta’uuf ibseera.
Gaazexessoonni Afriikaa waa’ee hidha haaromsaa dhugaa jiru beekuudhaan olola sobaa saaxiluu qabu jedheera.
Hidhi haaromsaa kun waliin fayyadamuu Afriikaanotaaf abdii ta’uusaa eeree, gaazexessoonni Afriikaa karaa sobaa socho’an ummata Afriikaarratti duula badii geessisaa akka jiran beekuu akka qaban dubbateera.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa birriin biiliyoona hedduu itti ba’aa jiru humna Itiyoophiyaanotaatiin hojjetamaa akka jiru biyyoonni Afriikaa hafan Itiyoophiyaarraa muuxannoo fudhachuu qabu jedheera.