Michoomniifi Hariiroon Itiyoophiyaafi Sudaan Cimee Itti Fufa- Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Sudaan

Fulbaana 10/2015 (TOI) – Hariiroon michoomaa Itiyoophiyaafi Sudaan cimee akka itti fufu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Sudaan Jamaal Al Sheek Ahimad dubbatan.

Sagantaan hirbaataa michooma biyyoota Afriikaa akka cimsu yaadame eembaasota Afriikaa 13, eembaasota Kooriyaa Kibbaafi Kuubaatiin raawwatamu kaleessa galgala Embaasii sudaanitti eegalameera.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Sudaan Jamaal Al Sheek Ahimad wayita kana haasawa taasisaniin, michoomni biyyoota lamaanii jaarraa tokkoo ol akka lakkoofsise dubbataniiru.

Sagantaan hirbaataa obbolummaa Afriikaa embaasii Sudaanitti qophaa’uunsaa walta’iinsa ummattoota biyyoota lamaanii  caalaatti akka cimsu ibsaniiru.

Sagantaa kanarratti kan argaman ambaasaaddar Mhaamud Diriir, walitti hidhiinsi dippilomaasii biyyoota lamaanii cimuunsaa biyyoota riijinichaafi misooma, nageenyaafi tasgabbii ardii Afriikaaf shoora olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Miseensi koree qindeessituu qophichaafi ministeera biyya alaatti daarektarri dhimmoota Afriikaa ambaasaaddar Fisahaa Shaawul, yeroon kun yeroo kamiyyuu caalaa tokko ta’anii dhaabatan ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf ammo Itiyoophiyaan yeroo kamiyyuu caalaa shoorashee bahuuf qophii ta’uushee mirkaneessaniiru.

Pirezidaantiin liigii dargaggootaa Itiyoophiyaa Asfaawu Taklee, akkuma sochii paan Afriikaa Itiyoophiyaan walta’iinsa misooma Afriikaafi nageenyaaf shoorashee bahachaa akka jirtu eeraniiru.

Qindeessaan qophii kanaa dargaggoo Yaasmiin Jamaal, Itiyoophiyaafi Sudaan gama aadaa, muuziqaa, dinagdeefi hawaasummaatiin walitti hidhiinsa cimaa akka qaban eerteetti.

Walitti hidhiinsa kana dargaggoonni caalaatti cimsuu qabu jetteetti.

Sagantaan kun embaasota Afriikaa 13 finfinnee, akkasumas eembaasota Kooriyaa Kibbaafi Kuubaatti jidduu kana akka adeemsifamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015