Labsiin qabeenya albuuda warqee karaa fooyyee qabuun oomishuuf gargaaru hojjirra ni oola - Ministeera Albuudaa

Asoosaa, Fulbaana 10/2015(TOI) - Labsiin qabeenya albuuda warqee karaa fooyyee qabuun oomishuuf gargaaru hojjirra kan ooluu ta'uu Ministirri Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa himan.

Kaleessa rakkoo oomisha warqeerratti muli'achaa jiru irratti mariin magaalaa Asoosaatti geggeeffameera.

Marii kanarratti kan argaman injinar Takkalaa Uumaan sadarkaa biyyaatti mala aadaa fi ammayyaan qabeenya albuuda Warqee misoomsuuf hojii hojjetameen milkaa'inni argameera jedhan

Jijjirama sadarkaa biyyaatti dhufeen dura labsiin albuudaa bahe dinagdee Warqee kan deeggaruufi hannaaf karra kan banudha jedhaniiru.Hanqina labsiin kun qabu furuun bifa haaraan foyyeessuuf hojiin hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Labsiin haaraa qophaa'a jiru kun keessattiyyuu dargaggoonni misooma Warqeerratti hirmaachuun fayyadamoo akka ta'an haala mijataa kan uumudha jedhaniiru.

Labsiin kunis Mana maree bakka bu'oota uummataan yeroo ragga'uu hojirra kan oolu ta'uu himaniiru.

Ministeerichi Naannoo Beenishaangul Gumuz, Gambeellaa, Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaafi Oromiyaatti oomishitootaa warqee bifa aadaan oomishaniifi Kubbaniyaawwan adda addaa heyyama laatameefin ala hojjetan irratti tirkaanfii fudhachuu himaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Ashaadil Hasan gama isaaniin baay'inni oomisha Warqee naannichatti dabalaa jiraatus ji'oota sadan darban Warqeen gara Baankii biyyaaleessa gale kan bara darbe yeroo walfakaataan yoo madaalamu hiri'ateera.

Gatii Baankii Biyyaaleessatti ittiin galutti birrii 200 dabaluun oomishitoonni warqee bifa aadaan oomishaan warqee gabaa seeraan alaatti akka gurguramuu yaaliin taasifama jiru sababa warqeen gara baankii biyyaaleessatti galu taasisedha jedhaniiru.

Kanneen hojii seeraan alaa hojjetan kanarratti mootummaan naannichaa tarkaanfii fudhachaa kan jiru yoo ta'uu haaluma kanaan cimee itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015