Ejjennoo Of Qusannaafi Birmadummaa Itiyoophiyaaf Hindi qabdu Mootummaan Dinqisiifate

64

Fulbaana 10/2015 (TOI) Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti jijjiiramaa miseensa tasgabbii kan taate Hinndi dhimma Itiyoophiyaarratti ejjennoo of qusannaa qabdu mootummaan Itiyoophiyaa dinqisiifate.

Itti aanaa Muummee ministiraafi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin gumii walii gala dhaabbata mootummoota gamtoomanii 77ffaa Niyoorkitti adeemsifamu cinaatti ministira dhimma alaa Hindi waliin mari’ataniiru.

Ob. Dammaqaan wayita kana akka jedhanitti, abbootiin qabeenyaa Hindi Itiyoophiyaa keessatti Invast gochuudhaan carraa dinagdee biyyattiin qabdu akkasumas riifoormii damee faayinaansiirraa fayyadamoo akka ta’an waamicha dhiheessaniiru.

Waraana shororkeessaa Shanee Itiyoophiyaarratti baneefi tarkaanfii nageenyaa waraana kaaba biyyatti ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Rakkoolee Itiyoophiyaan dabarsite Hindi ejjennoo birmadummaa Itiyoophiyaa kabajuudhaan tarkaanfachiisaa turteef mootummaan Itiyoophiyaa kabaja guddaa akka qabu dubbataniiru.

Ministirri dhimma alaa Hindi Doktor Subraahimaan Jaayishaankaar, daawwannaa  Waxabajjii darbe Itiyoophiyaatti taasisan yaadachuudhaan hariiroon biyyoota lamaan jidduu jiru cimsuuf carraaleen hedduun akka jiran dubbataniiru.

Hindi michummaa daneessa Kibba –Kibbaa bakka bu’uudhaan rakkoolee dhiheessii nyaataafi boba’aa waliin walqabatan hiikuuf akkasumas walta’iinsa Kibba-Kibbaa cimsuuf gumaacha taasifte biyyoonni lamaan dinqisiifataniiru.

Itti aanaa muummee ministiraafi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin gumii barnootaakaleessa taasifamerratti kan hirmaatan yoo ta’u, Ministira dhimma alaa Chaayinaa waliin mari’achuunsaanii niyaadatama.

Yaa’iin waliigalaa 77ffaa mootummoota gamtoomanii Fulbaana 3/2015 kan eegale yoota’u, amma Fulbaan 17/2015tti akka turu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015