Tamsaasa Kallatti:

Waggoota sadan dhufanitti maamiltootaa miliyoona 3.6 dabalataan fayyadamtootaa Tajaajila humna ibsa taasisuuf hojjetamaa jira.

Adaamaa, Fulbaana 9/2015(TOI) - Waggoota sadan dhufanitti maamiltootaa miliyoona 3.6 dabalataan fayyadamtootaa Tajaajila humna ibsa taasisuuf hojjechaa jiraachuu Tajaalli Humna Ibsaa Itoophiyaa beeksise.

Tajaajila Humna Ibsaa Itoophiyaatti daarekatarri bulchiinsa gaariifi jijjiramaa obbo Isubaaloo Xeenaawu TOItti akka himanitti Tajaajilichi bara 2017tti lammilee baadiyyaa jiraatan harka caalaaf Tajaajila humna ibsaa dhiheessuuf hojjechaa jira.

Kanaafis karooraa tarsamaa'aa waggaa sadii kanaan dura baafate irra deebi'ee foyyeesuun gara hojii qabatamaatti galuu himaniiru.

Haaluma kanaan Giriidii mummicharraa harka 65, Giriidii ala humna aduun harka 35 irraa humna ibsaa hawaasaan gahuuf karoorfamuu beeksisaniiru.

Bara bajataa kanatti maamiltootaa miliyoona 1.2 fayyadamoo humna insaa taasisuuf kan karoorfame yoo ta'u magaalootaafi gandoota baaddiyyaa 280 fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Waggoota sadan dhufanitti maamiltootaa miliyoona 3.6 dabalataan fayyadamtootaa Tajaajila humna ibsa taasisuuf koroorfamee hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Dhaabbatichi maadelii faayiinaansii jijjiruun hojiiwwan misoomaa baasii ofiisaan hojjechuu, sirna galii walitti qabuufi humna namaa ijaaruu, tajaajilarratti itti quufinsa maamiltootaa fuduuf hojjetamaa jiraachus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015