Injinar Taakkalaa Uumaa fi obbo Ashaadil Hasan naaannichatti oomisha albuudaarratti abbootii qabeenya bobba'an waliin mariyatan.

150

Fulbana 9/2015(TOI) - Ministirri Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaafi Pirezidaantiin naannoo Beeniishaangul gumuz qabeenya albuudaa naannichaa haala barbaadamuun oomishuufi damee kanaan hanqinoota jiran furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin maryatan.

Pireezidaantiin naannichaa obbo Ashaadil Hasan waltajjii kanarratti akka himanitti, naannichatti qabeenya uumama misoomsuun keessayyuu immoo oomisha warqeerratti bara bajatichaa milkaa'inni fooyyee qabu argameera.

Bara bajataa 2014 naannicharraa warqeen kumtaalli 23 baankii biyyaaleessatti galii ta'eera.

Caalaatti qabeenya gabbataa naannichi qabu misoomsuuf hanqinoota jiran irratti mariyachuun furuuf waltajjiin kun qophaa'uus himaniiru.

Naannichatti daarektarri Ejensii Misooma qabeenya Albuudaa obbo Naasir Mahaammad karaa seeraan alaan (gabaa gurraachaan) oomishii bitamu kan Baankii biyyaaleessa caaluun rakkoo cimaa uumuu eeraniiru.

Kanneen oomisha Warqee seeraan ala daddabarsaan 30 irratti tarkaanfiin heeyyma isaanii haquu fidhatamuufi Waldaalee oomishitoota Warqee xiqqaa oomishan cimsuun bifa addaan qabeenya kana gara baankii biyyaaleessatti akka galchan gochuuf hojjetama jira jedhaniiru.

Marii kanarratti Ministira Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa dabalatee hoggantoonni Fedraalaafi naannoofi oomishitoonni Warqee bifa aadaan oomishan hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015