Manni maree lamaan raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjooman

70

Fulbaana  9/ 2014(TOI) Manni mree bakka bu’oota ummataafi Federeeshinii raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Af yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa ob. Taaggasee Caafoo, af yaa’ii itti aantuu ad. Loomii Badhoo, af yaa’iin mana mare federeeshinii Zaahiraa Umad dabalatee miseensonniifi hojjettoonni mana maree lamaanii raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Dhaadannoo ”dhiiga keenya raayyaa ittisa biyyaaf” jedhuun dhiiga kan arjooman manneen mareen kunneen, raayyaa ittisa biyyaa gama hundumaan deeggaruun akka barbaachisu himaniiru.

Deeggarsi raayyaa ittisa biyyaaf taasifamu cimee akka itti fufus dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015