Diyaaspooraan dhiibbawwan dippilomaasii biyyarratti taasifaman qolachuu hojii jalqabe cimsee akka itti fufu gaafatame

58

Fulbaana 8/2015(TOI) - Hojii mootummaan birmadummaa biyyaa kabachiisuuf hojjechaa jiru karaa hin taaneen hubachuun dhiibbaa dippilomaasii sirrii hin taane qolachuuf diyaaspooraan hojii jalqabe cimsee akka itti fufu Deetaan ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawit Kaasaa gaafatan.

Mariin ambaasaaddaroonni Itoophiyaa,hoggantoonni misiyoonaa, hoggantoonni ijaarsawwan diyaaspooraafi miseensoonni irratti hirmaatan raawwii sosochiin dippilomaasii Paabilikiifi dijitaalaa ilaalchisuun Tajaajilli Diyaaspooraa Itoophiyaa qoohaa'esse geggeffameera.

Deetaan Ministira Tajaajila Kominikeeshinii aadde Salaamaawit Kaasaa waltajjii kanarratti ergaa dabarsaniin hojii diyaaspooraan yeroo biyyi isaanii barbaaddu hundaatti cinaa dhaabbatanii hojjechaa jiraniif galateeffataniiru.

Mootummaan hojii birmadummaa kabachiisuu jalqabe haala hundaafi bakka hundaatti jabeessee itti fufa jedhaniiru.

Daarektarri olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itoophiyaa doktar Mahaammad Idiris gama isaaniin waltajjiin kun weerara yeroo sadaffaaf ABUT taasisaa jiru ilaalchisuun dhiibbawwan dippolomaasii sirrii hin taanee qolachufi dhugaa Itoophiya hubachiisuuf hojii dippilomaasii hawaasaafi dijitaalaarratti hojjetamaa jirannirratti mariyachuuf qophaa'e.

Toraban sadan darban keessatti sosochii diyaaspooraan taasiseen milkaa'inoonni jajjabeessoon argamuu himanii, hojiin kun gama hundaan cimee itti fufuuqaba jechuu isaanii ragaan Tajaajila Diyaaspooraa Itoophiyaarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015