Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee barsiisota kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa kan sirna barnoota haaraa qopheessaniif beekamtii kenne. - ENA Afaan Oromoo
Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee barsiisota kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa kan sirna barnoota haaraa qopheessaniif beekamtii kenne.

Fulbaana 7/2015(TOI) - Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee barsiisota kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa kan imaammata haaraa qopheessaniif beekamtii kenne.
Sagantichaarratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, rakkoo sirna barnootaarra ture maqsuun imaammata haala qabatamaa Itoophiyaa madaaluu qopheessuun milkii guddaadha jedhaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee Doktar Zalaalam Mulaatuu gamasaaniin, barruulee barnootaa sadarkaasaanii eeggatan humna keessaan yeroo gabaabaa keessatti Afaan Oromoofi Amaaraan qopheessanii hojiitti hiiikuun hojii daran nama boonsu ta'uu ibsaniiru.