Naannichatti pirojeektiin gamoo dhaabbilee tajaajila laataniif oolu birrii biliyoona 1.7'n ijaarsi isaa jalqabeera.

73

Fulbaana 7/2015(TOI) - Naannoo Harariitti ijaarsi pirojeektii gamoo dhaabbilee tajaajila laataaniif oolu birrii biliyoona 1.7 jalqabe.

Ijaarsa gamoo kanaas kan jalqabsiisaan pireezidaantii naannichaa obbo Oradiin Badiriiti.

Hoggantuun biiroo ijaarsaafi misooma magaalichaa aadde Amiinaa Abdulqaadir akka himanitti gamoon kun magaalichatti aanaa Janeelaa jedhamu ganda 14tti kan ijaaramu yoo ta'u abbaa gamoo 15ti.

Gamoon kun birrii biliyoona 1.7 kan ijaaramu yoo ta'u waggaa tokkoofi ji'a jaha keessatti hojiin isaa kan xumuramu ta'uus himaniiru.

Gamoon kun lafa kaaree meetira 2400 irratti kan ijaaramu yoo ta'u naannichatti gamoo guddaa ta'uu pireezidaanit Oradiin himaniiru.

Gamoon kun dhaabbilee tajaajila kenneeniif kan ijaaramu yoo ta'u kutaawwan 150 kan of keessaa qabu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015