Godinni Gujii raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa loon qalmaafi gala birrii miiliyoona 268tti tilmaamamu taasise

47

Fulbaana  6/2015/TOI/- Godinni Gujii raayyaa ittisa biyyaaf kan oolu deeggarsa loon qalmaafi gala birrii miiliyoona 28tti tilmaamamu taasisuusaa bulchiinsa godinichaa beeksise.

Itti aanaan bulchiinsa godinichaa obbo Jaarsoo husen akka jedhanitti deeggarsi ummanni taasise kun sangaa 503, hoolaafi re’ee 672, gala kuntaala 41 akka ta’e ibsaniiru.

Kana malees deeggarsi maallaqaafi gosa addaddaa birrii miiliyoona 28 olitti akka tilmaamamu himaniiru.

Deeggarsi kunis gara adda waraanaatti geejjibamaa akka jirus dubbataniiru.

Godinichatti jiraataan magaalaa Nagallee Sheeh Huseen Abdullaahii shororkeessaa ABUT balleessuuf hundi hirmaachuu qaba jedhaniiru.

Jiraattota naannawa isaanii waliin ta’uun raayyaa ittisa biyyaaf birrii kuma 2 deeggaruu isaanii ibsaniiru.

Jiraataan magaalaa Shaakkisoo ob. Badhaanee Nageessaa hiriyyaa isaanii waliin ta’uun sangaa 1 bituudhaan deeggarsa taasisuu isaanii dubbataniiru.

Hojii nageenya eegsisuuf kanaan dura taasifameenis raayya ittisa biyyaaf birrii kuma 30 deeggarsa taasisuusaanii yaadataniiru.

Sanyiifi amantaadhaan osoo wal hinqoodiin raayyaa ittisa biyyaa walabummaa biyyaaf dhaabateef deeggarsi kun xiqqaadha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015