Ala ergitoota Bunaa gahee olaanaa bahaniif beekamtiin kennameefi.

118

Fulbaana 5/2015(TOI) - Bara bajataa 2014tti daldaaltoota Ala ergitoota Bunaa gahee olaanaa bahaniifi qooda fudhatoota damee kanaa biroof beekamtiin kennameefi.

Bara bajataichaatti daldala ala ergii bunaan Itoophiyaan seenaa ishee keessatti olaanaadha kan jedhame sharafa biyya alaa doolaaraa biliyoona 1.4 argateetti.

Kanaafis gahee olaanaa kan qaban ala ergitoota bunaa 200 fi qooda fudhatoota biroof beekamtiifi badhaasni laatameera.

Sagantaan badhaasaafi beekamtii laachuu kun mata duree Bunni keenya tokkummaafi Badhaadhina keenyaaf kan jedhuun geggeeffame.

Sagantaa kanarratti Pireezidaantiin FDRI Saayilewariq Zawudeefi hoggantoonni mootummaa biroon akkasuma keessummoonni wamichi taasifameef argamaniiru.

Itoophiyaan erga Buna biyya alaatti erguu jalqabdee yeroo jalqabaaf Buna toonii kuma 300 gabaa alaatti erguun galii doolaara biliyoona 1.4 argateetti.

Milkaa'ina kanaaf kanneen gahee olaanaa bahan keessayyuu qonnaan bultoonni sagantaa qopha'ee kanarratti pireezidaanit Saayilewariq harkaa badhaasaafi beekamtii fudhataniiru.

Badhaasa kanaan ergitoota buna dheedhii, Kanneen buna dheedhii gatii fooyyee qabuun gurguran, Dubartoota buna erganiifi galii olaanaa galchan, Bunatti galtee dabaluun kan erganii galii olaanaa galchanis badhaafamaniiru.

Qonnaan bultoota oomishitoota buna gabaa alaatti erguun galii olaanaa galchan, Yuuniyeenii waldaa hojii Bunaafi Indastiriiwwan buna qopheessaniifi kuusaanis badhaafamaniiru.

Damee Shayeefi mi'eesituuwwaniin raawwii fooyyee qabu namootafi dhaabbilee agarsiisaniifis beekamtiin laatameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015