Tajaajilli Oduu Itoophiyaafi Jiddugalli Barnoota Heera mootummaafi Federaalizimii waliin hojjechuuf walii galan.

123

Fulbaana 4/2015(TOI) - Tajaajilli Oduu Itoophiyaafi Jiddugalli Barnoota Heera mootummaafi Federaalizimii waliin hojjechuuf waliigaltee isaani dandeesisu walii mallateessan.

Waliigalticha daareektara Olaanaa Jiddugalichaa dokatar Hayileyaasuus Taayyeefi Hoji geggeessaa olaanaa Tajaajila Oduu Itoophiyaa obbo Saayifaa Darribee hara'a Finfinneetti mallateessaniiru.

Jiddugalli Barnoota Heeraafi Federaalizimii bara 2011 kan hundaa'e yoo ta'u itti waamaminisaan Mana maree Federeeshiniifidha.

Kaayyoon isaas Heeraa mootummaa Itoophiyaafi Federaalizimii ilaalchisee hubannoo cimsuu yoo ta'u, haaluma kanaan leenjiwwan kennaa jira. Daareekatarri olaanaa jiddugalichaa dokata Hayileyaasuus Taayyee yeroo waliigalticha mallateessan akka himanitti guddinni biyya tokkoo kan mirkanaa'uu lammileen bu'uura dhimmootaa seeraarratti yoo hubannoo gahaa qabaatanidha .

Lammileen mirgaafi dirqama isaanii akkasuma sirna biyyi ittiin bultu beekuu akka qaban eeranii dimookiraasiin biyya tokkoos kan ijaaramuu kallattii kanaan jedhaniiru.

Jiddugalichi kaayyoo hundaa'eef galmaan gahuu keessatti waliigalteen TOI waliin taasise kun gahee olaanaa akka qabu beeksisaniiru.

"Ilaalchi namaa yoo hin sirroofne seerri gaariin jiraatus hiikkaa hin qabu'' kan jedhan doktar Hayileeyasuus Ilaalcha sirreessuu irratti TOI waliin hojjechuu danda'uun keenyaaf gammachuu guddoo qabna jedhaniiru.

Itoophiyaa keessatti ilaalchaafi yaadamarratti hojjechuun rakkoo hedduuf furtuu ta'uu himanii, jiddugalichiis hammattuu kana keessatti socho'aa jiraachuu hubachiisaniiru.

Hoji geggeessaan olaanaa TOI obbo Seeyfaa Darribee gama isaaniin jiddugalichi tokkummaan uummataa akka jiraatu jiddugala hojjetu ta'uusaan waliin hojjechuun keenyaaf gammachuu guddoo qabna jedhaniiru.

Jiddugalichi kaayyoon galmaan gahuu barbaadu akka mirkaa'uuf TOI ciminaan hojjechuuf qophiidha jedhaniiru.

Keessaayyu bara haaraa kanatti abdii nageenyaafi jijjiramaa jiru milkeessuuf waliigaltichi humana dabalataa akka ta'uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015