Gatiin gurgurtaa simintoo haaraan ifoome - ENA Afaan Oromoo
Gatiin gurgurtaa simintoo haaraan ifoome

Fulbaana 4/2015/TOI/ --- Ministeerri walitti hidhamiinsa biyyoota ollaafi daldalaa gatii gurgurtaa simintoo akka biyyaatti hojiirra oolu haaraa ifa taasiseera.
Gatiin gurgurtaa kun gatii simintoo yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe sirreessuudhaan sirna gabaa tasgabbaa’aa diriirsuuf akka ta’e beekameera.
Ministirri ministeerichaa Gabramasqal Caalaa dhimma kana ilaalchisuudhaan ibsa kennaniiru.
Ibsa kennaniinis gatii gurgurtaa simintoo akka biyyaatti jiruufi human oomishummaa ilaalchisuun qaamolee dhimmi ilaalu waliin mariifi qorannoon bal’aan taasifamuu yaadataniiru.
Akkaataa qorannoon kun agarsiisutti haala oomisha simintoo biyyi qabduun qaala’insi gatii amma jiru sirrii akka hin taane mirkanaa’eera jrdhaniiru.
Gurgurtaan simintoo faddaalota seeraan alaa harka waan galeef hanqinni mul’ateera, gatiinis baay’ee dabaleera.
Haala kanaan gatiin gurgurtaa simintoo akka biyyaatti hojiirra oolu haaraan murtaa’uusaa ministirichi ibsaniiru.
Dhaabbileen naannoleefi bulchiinsota magaalaatti simintoo raabsan maqaan isaanii gaazeexaa Addis Zamanirratti ni ba’a jedhaniiru.
Wayita ammaa hanqinni simintoo akka hin jirre kan ibsan ministirichi, hojii mootummaafi pirojektoota kanneen birootiif dursi kennamaa ture itti fufa jedhaniiru.
Qaamolee pirojektoota gurguddaafi ijaarsa Invastimentii hojjetaniif kallattiidhaan haalli simintoo warshaarraa bitan mijachuusaas ibsaniiru.
Dhaabbilee simintoo akka raabsan ramadamanii alatti simintoon kan harkatti argameefi iddoo addaddaatti kanneen gurguranirratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsameera.
Gatiin simintoon itti gurguramus gatii xiqqaa birrii 510, gatiin guddaan birrii 683fi saantima 44 akka ta’u murtaa’eera.