Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsi birrii miliyoona 118 taasifame.

51

Fulbaana 4/2015(TOI) - Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsi birrii 118 fi waantota biroo taasifame.

Deeggarsa kanas kan taasisan Waajjira Ministira Muummeefi itti waamamtootasaa, Naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaafi Dhaabbilee dhiheesitoota Boba'aati.

Waajjirri Ministira Muummeefi dhaabbileen itti waamamoo waajjirichaa 18 birrii miliyoona 90.8fi waantota biroo har'a deeggarsa taasiseera.

Naannoon Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa waantota gatiin isaanii birrii miliyoonaa 26 baasu deeggarsa taasiseera.

Dhaabbileen dhiheesitoota Boba'aa immoo birrii miliyoona 2 ol deeggarsa taasiseera.
Deeggarsa kanas deetaan ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Maartaa Liwiijii fuudhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015