Waajjiraaleen Minsteerotaa 2 sosochii galii walitti qabu idil addunyaa jalqabsiisan.

Fulbaana 4/2014(TOI) - Minsteerri Dhimma Alaafi Ministeerri Maallaqaa Ejensii Diyaaspooraa waliin ta'uun ji'a tokkoof kan turu sosochii galii walitti qabuu idil addunyaa jalqabsiisaan.

Galiin walitti qabamu kunis haala waqtaawaa Itoophiyaaf kan ooludha jedhameera.

Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Deetaa ministira dhimma alaa amabaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, Daarektaraa jeneraala Ejensii Diyaaspooraa Itoophiyaa Mohaammad Idiris, ambaasaaddaroota Itoophiyaa biyyoota adda addaatti argamaniifi dippiloomaatoonni kaleessa sagantaa sosochii kana karaa viidiyoo konfireesiin jalqabsiisuuf qophaa'erratti argamaniiru.

Sagantaa kanarratti Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shideefi deetaan ministira dhimma alaa amabaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo imbaasiiwwan Itoophiyaa biyyoota hundaatti argaman sosochii galii walitti qabuu kanarratti akka hirmaatan hubachiisaniiru.

Dabalataan bara bajataa darbe sosochii galii walitti qabuu taasifame keessatti hanqinootaafi cimnoonni jiran kan gamagamaan yoo ta'u, keessayyuu galii walitti qabu keessatti Tekinoolojii fayyadamuun akka ciminaatti ilaalameera jedhameera.

Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo imbaasiiwwan Itoophiyaa biyyoota hundaatti argamaniifi misiyoonoota keessaatti qindeesitoota galii walitti qabuu miseensoota diyaaspooraa dhalatoota Itoophiyaafi michoonni Itoophiyaa tekinoolojii fayyadamuun akkasuma adeemsaawwan galii walitti qabuuf mijatoo ta'an hojiirra oolichuun hojiin galii walitti qabuu kun akka ariifatu gahee isaanii akka bahaan hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015