Yaa'iin idilee DhMG jijjirama haala qilleensaafi dhimmoota biroorratti xiyyeeffate jalqabe.

100

Fulbaana 4/2015(TOI) - Yaa'iin idilee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 77ffaan jijjirama haala qilleensaafi dhimmoota biroorratti xiyyeeffate teessoo muummicha dhaabbatichaa Niwuuyorkitti argamutti har'a jalqabe.

Yaa'iin idilee dhaabbatichaa kun mata duree ''Yeroo murteessaatti, rakkoowwan walxaxoof furmaata jijjiramaa''kan jedhuun akka geggeeffamu dhaabbatichi marsariitii isaarratti ibseera.

Yaa'ii kanarratti haala jijjiirama qilleensaa, Nageenyaafi Tasgabbii akkasuma dhimmoota waqtawaa aaddunyaan keessa jirtu biroorratti akka mariyatu beeksiseera.

Hoggantoonni biyyoota DhMG yaa'ii idilee kanarratti haasaa ni taasisu jedhamee eeggama.

Yaa'ii kana geggeessuun cinaatti Barnoota, raawwii misoomaa itti fufinsa qabuufi mirga namoomaarratti mariin adda addaa kan geggeeffamu ta'uu dhaabbatichi beeksiseera.

Yaa'ii DhMG 77ffaan qaamaan bakka yaa'ichi itti geggeeffamutti argamuufi karaa Vidiyoo konfireensiin qindoominaan kan geggeeffama.

Yaa'iin kun erga weerara Vaayirasii Koroonaa as yeroo jalqabaaf qaaman bakka tokkotyi argamuun geggeeffama jedhameera.

Yaa'iin kun hanga Fulbaana 15/2015 kan geggeeffamudha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015