Ministeerri Hojiifi Ogummaafi Meedirook Investimeenti Guruu dhimmoota adda addaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallateessan.

61

Fulbaana 3/2015(TOI) - Ministeerri Hojiifi Ogummaafi Meedirook Investimeenti Guruup dhiheessi nama barateefi oomishitummaa guddisuufi nageenya Industirii eeguurratti waliin hojjechuuf har'a Finfinneetti waliigaltee mallateessan.

Waliigalticha Ministirri Hojiifi ogummaa Mufaarat Kamiil fi hoji geggeessaa olaanaa Meedirook Investimanti Giruup Jamaal Ahimad mallatteessaniiru.

Aadde Mufaarat wayita kana akka himanitti, waliigaltichi nageenya Indastirii mirkaneessuu, aadaa nageenyafi fayyaa ogummaa fooyyesuurratti gahee olaanaa qaba.

Ministeerichi Meedirook Invastimeeniti Giruup waliin damee Qonnaa, Turizimii, Albuudafi kanneen biroorratti oomishitummaa giddisuufi nageenya ogummaa eeguurratti waliin akka hojjetu dubbataniiru.

Waliigaltichi carraa hojii uumuu qofa osoo hin taane aadaa hojii jijjiiruufi humna nama leenji'eefi gahumasa qabu oomishuufis kan gargaarudha jedhaniiru.

Hoji geggeessaan olaanaa Meedirook Invastimaaniti Giruup Jamaal Ahimad gama isaaniin waliigaltichi intarpiraayizoota mootummaa babbali'isuu, Carraa hojii uumuufi gahumsa hojiirratti qaban fooyyeessufi nageenya indastirii mirkaneessuuf gahee olaanaa kan qabu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015