Wixata dhufuu jalqabee naannoo Oromiyaa manneen barnootaa hundatti sirni baruufi barsiisuu ni eegala

127

Fulbaana 3 /2015 (TOI)---Wixata dhufuu jalqabee naannoo Oromiyaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaatti hojiin baruufi barsiisuu akka jalqabamu biiroon barnootaa naannichaa beeksise.

Biiroo barnootaa Oromiyaatti daarektarri sagantaa fooyyessa manneen barnootaa obbo Warqinaa Raggaasaa akka ibsanitti, gama hundaanuu qophiin barnoota jalqabsiisuuf dandeessisu xumurameera.

Hagayya 23 bara 2014 irraa eegalee galmeen barattootaa gaggeeffamaa akka jiru kan eeran obbo Warqinaan, galmeen amma Fulbaana 8 bara 2015tti akka itti fufu dubbataniiru.

Bara kana naannichatti  barattoota miiliyoona 11 tuqaa 3 simachuuf qophiin xumuramuu eeranii hamma ammaatti galmeen barattoottaa dhibbantaa 95 xumuramuu himaniiru.

Yeroo boqonnaa qophiitti kutaaleen  dabalataa kuma 34 kan ijaaraman yoo ta’u, akkaataa sirna barnootaa haaraatiin kitaabonni barnootaa 'soofti koppiidhaan' manneen barnootaa hundaaf akka kennaman ibsaniiru.

Fulbaana 9 irraa jalqabee manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa naannichaa hunda keessatti hojiin baruufi barsiisuu ni jalqabama.

Ganna darbe dabalatee qaamolee addaddaatiin manneen baernootaa oolmaa daa’immanii kuma jaha ijaaramaa akka jiraniifi kanneen keessaa kuma shank an ta’an dhibantaa 90 raawwatamuu himaniiru.

Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa naannichaa hunda keessatti bara kana sirna barnootaa haaraatiin barsiisuun akka eegalu kan ibsan ammoo biiroo barnootaa Oromiyaatti daarektara hojeessaa sirna barnootaa kan ta’an ob. Darajjee Taaddasaati.

 Akkaataa sirna barnootaa haaraatiin sadarkaa tokkoffaa kan jedhaman kutaa 1 amma 6fi kutaa 7 amma 8tti ta’uus himaniiru.

Naannoo Oromiyaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa lammaffaa kuma 16 ta’an akka jiran odeeffannoon biiroo barnootaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015