Nageenyi fi galmi Itiyoophiyaa akka milkaa’u hundi waliin akka dhaabatu komishiniin marii biyyaalessaa waamicha taasise

64

Fulbaana 2/2015 /TOI/---Nageenyi waaraafi galmi Itiyoophiyaa akka milkaa’u bara haaraa kanatti hundi waliin akka dhaabatu komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa waamicha taasise.

Walitti qabaan komishinichaa Piroofeeser Masfin Ar’ayaa bara 2014  xumurameefi bara haaraa 2015 ilaalchisuun yaada addaddaa kaasuun dubbataniiru.

Komishinar Masfin TOI waliin turtii taasisaniin waraanni kaaba Itiyoophiyaa, walitti bu’iinsi bakka addaddaatti mul’atan, ajjeechaafi walitti bu;iinsi lammiileerra ga’an dhibbaan biyyoota alaa bara darbe qormaata guddaa akka turan yaadataniiru.

Gama biraatiin ammo bu’aaleen olaanoon gama hidha haaromsaa guddichaafi oomisha qamadiitiin argaman ammoo abdii kan namatti horan ta’uu dubbataniiru.

Barri 2015 bara Itiyoophiyaanotaaf nageenyi itti mirkana’uufi bu’aaleen misoomaa itti galmaa’an akka ta’u hundi keenya waan nurraa barbaadamu gochuu qabna jedhaniiru.

Lammiilee keenya waraanaan miidhamaniif gatii baafnee, dhiifama gaafachuun deebifnee dhaabuudhaan abdiiwwan nageenyaafi misoomaa Itiyoophiyaan eegalte dhugoomsuu qabna jedhaniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa hundi milkaa’ina marii biyyaalessaaf tumsaafi hirmaannaa  taasisuudhaan milkaa’inasaaf akka hojjetu jechuun waamicha dabarsaniiru.

Karoorri misoomaa Itiyoophiyaan jalqabde akka milkaa’an namoonni siyaasaa, hayyoonniifi akkasumas hawaasni hundi tumsa akka taasisan gaafataniiru.

Keessumaa dargaggoonni miira keessa osoo hin galiin mari’achuudhaan nageenyaafi misooma biyyaatiif abbummaadhaan deeggaruu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015