Barri haaraan jibba jaalalatti, waldhiibuu walittii dhiyaachuun, shakkii wal amantaan, walqoodiisa tokkummaan, dhibaa’ummaa tattaafannaan jijjiiramee fi bakka bu’ee bara itti mul’atu nuuf haa ta'u - Aadde Adaanech Abeebee

Qaammee 5/2014(TOI) - Barri haaraan jibba jaalalatti, waldhiibuu walittii dhiyaachuun, shakkii wal amantaan, walqoodiisa tokkummaan, dhibaa’ummaa tattaafannaan jijjiiramee fi bakka bu’ee nageenyi waaraan Itoophiyaa keessa kan jiraatu bara itti mul’atu nuuf haa ta'u jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniin.

Hawaasni ayyaana sababeeffachuun qaamolee gochaa badiisaa raawwachuuf ergama fudhatanii magaalatti jeequu barbaadan, qaamolee nageenyaa waliin ta’uun qindaa'anii dammaqinaan naannawaa isaanii akka eegan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015