Magaalichatti Atobisoonnii tokkotti namootaa 60 fe'uu danda'an 110 tajaajila jalqaban.

57

Qaammee 4/2014(TOI) - Magaalaa Finfinneetti Atobisoonni ammayyaa yeroo tokkootti namootaa 60 fe'uu danda'an 110 haaraan tajaajila kennu jalqaban.

Bulchiinsa magaalichaatti har'a guyyaa tajaajiltummaa sababeeffachuun magaalicha kallattii hundaatti atobisoonnii Ambaasaa Baasi fi Shaggar jedhaman tajaajila geejibaa bilisaan laachaa jiru.

Atobisoonnii haaraa guyyaa har'aa tajaajila geejibaa laachuu jalqabanis Boolee, Piyaassaa, Maganaanyaafi magaalicha kallattii adda addaatti tajaajila laachuu jalqabaniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee kayyoon guyyaa tajaajiltummaa kabajuu lammileen hundi aadaa tajaajiltummaa gabbifachuun tajaajiluun kabajaa ta'uu hubachiisuufi jedhan.

Bulchiinsi magaalichaa sirna geejibaa ammaayyaafi qaqabamaa diriirsuufi bu'uuraalee misoomaa kanaaf barbaachisan diriirsaa jiraachuu himaniiru.

Kana keessaas liqaa baankii addunyaarraa argameen guyyaa har'aa gara tajaajila laachuutti galan 110 doolaara miliyoona 16.5 baasii gochuun uummaataf dhiheessuun danda'amuun beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015