Guyyaan Nageenyaa naannoleetti kabajamaa jiru.

54

Qaammee 3/2014(TOI) - Guyyaan Nageenyaa Qaammeen 3 naannoo Affaariifi Haraariitti sagantaa adda addaan kabajamaa jira.

Naannoo Affaar magaalaa Samaraatti utubaan nageenyaa fakkeenya nageenyaafi hawwii gaarii muli'isu dhaabbate pirezidaantii naannichaa obbo Awal arbaan eebbifameera.

Mariin paanaalii jaarsoliin biyyaa, Abbootiin amantaafi hoggantoonni naannichaa irratti hirmaatanis geggeeffameera.

Haaluma walfakkatuun naannoo Harariitti guyyaan nageenyaa qaammeen 3 bakka Pirezidaantiin naannichaa obbo Oradiin Badirii argamanitti sagantaa adda addaan kabajameera.

Magaalichatti fakkeenya nageenyaa, ibsutuu tokkummaafi hawii gaarii kan ta'ee ''Pooliin nageenyaa'' dhaabamee ture pirezidaantichaan eebbifameera.

Dabalataanis mariin paanaalii hoggantoonnii naannichaa, jiraatoonnii, hojjetoonni mootummaafi qaamooleen nageenyaa irratti hirmaatan geggeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015