Saqoxaatti Birriin Sobaa Abbaan Dhibbaa Kuma 14 Fi 800 Ol Qabame

114

Saqoxaa Ebla 15/2011 Godina bulchiinsa sab-lammii Waaghimiraa magaalaa Saqoxaa keessatti Birriin sobaa abbaa dhibbaa kuma 14 fi 800 ol qabamuu  poolisiin beeksiseera.

Birriin sobaa kunis tajaajila bittaa fi gurgurtaa ayyaana du’aa ka’uu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiif kan qophaa’an ta’uu ibsameera. 

Abbaan adeemsa ittisa yakkaa waliigaala hawaasaa Waajjira Poolisii bulchiinsa magaalichaa Gargaaraan Inispeektaraa Kaasaahuun Ayyalaa Birriin abbaa dhibbaa kunneen kan qabaman kaleessa galgala sa’a lama irratti ta’uu ibsaniiru. 

Magaalattiitti ganda 01 keessatti birriin qabame kun tajaajila bittaa fi gurgurtaa ayyaana du'aa ka’uu gooftaa Iyyasuus kiristoosiif kan qophaa'an ta'uus ibsaaniiru.

Birriin kunneenis qabamuu kan danda’an eeruu ummatarraa qaqqabe bu’uura godhachuun hordoffii poolisiin taasiseen ta’uu ibsameera.

Shakkamaan garuu yeroof kan miliqe ta’uus ibsaniiru.        

Poolisiin gabaa ayyaanaan walqabatee yakki walfakkaataan akka hin raawwatamneef, hawaasa barsiisaa jiraachuus Gargaaraan Inispeektaraa Kaasaahuun dubbataniiru.      

Ummannis namoota yakka wal fakkaataa raawwachuuf jedhan yeroo arganitti poolisiif eeruu kennuu akka qaban dhaamaniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015