Jiddugalli gurgurtaa Googaafi Oomishaalee gogaa mooraa buufata xiyyaara idil addunyaa Boolee keessaatti baname.

112

Hagayya 27/2014(TOI) - Jiddugalli gurgurtaa Googaafi Oomishaalee gogaa mooraa buufata xiyyaara idil addunyaa Boolee keessaatti baname.

Jiddugala kanas Ministirri Misooma Indastirii Malaakuu Aleebal eebbisanii banaaniiru.

Jiddugala kanatti dhaabbileen dhiheesitoonni 8 bu'aawwan gogaa qabatanii kan dhihaatan yoo ta'u, Borsaa dubartootaa,Waaleetii, Kopheewwan, Jaakeetoota dabalatee bu'aawwan gogaa biroo hedduu qabatanii dhihaataniiru.

Sirba eebbaa kanarratti jiddugalli kun akka hundaa'uun Daandiin Qilleensa Itoophiyaafi Ejensiin gargarsaa idil addunyaa Jaappaan waliin hojjetaniiru jedhameera.

Obbo Malaakuu Alabal Daandiin qilleensa Itoophiyaa imaaltoota miliyoonaan lakka'aman waan keessuummeessuuf dhiheessitoota bu'aalee gogaaf kun carraa guddaadha jedhaniiru.

Jiddugala kana qofaarraa hanga doolaara 400 sharafnii alaa irraa argamuu akka danda'uu qorannoon jiru ni mul'isa kan jedhan ministirichi hojii amma jalqabame cimsuun caalaatti fayyadamoo ta'uuf ni hojjenna jedhaniiru.

Ji'a lamaan darbe qofa dhiheessitoonni bu'aalee gogaa dhiheessuu jalqaban gurgurtaa doolaara kuma 200 raawwachuus eeraniiru.

Indastirii gogaa dorgomaa taasisuuf sagntaan deeggarsaa adda addaa qopha'ee hojiirra oolaa jira kan jedhan obbo Malaakuun, sadarkaa biyyaatti hojiirra oolaa kan jiru sosochiin ''Itoophiyaa haa hoomishitu' jedhu isa tokkoodha jedhaniiru.

Pirezidaantiin waldaa Indastiriiwwaan gogaa Itoophiyaa Taaxaq Yirgaa gama isaaniin indastiriin gogaa fi bu'aalee gogaa Tekinolojiin, carraa hojii uumuurratti bu'aan foyya'aa akka argamuuf deeggarsi mootummaan taasisu jajjabeessadha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015